Indian Ocean
From Wikipedia
Indian Oceaniin bishanii adunya kessatti argamani kessa guddinan sadaffa yoo tattu, kan qabattusi percentii 20% lafa (Earth) ni ta'a. Gallani kuni kabban kibba Asian (Indian subcontinent walit daratte jechu dha, maqaan kunni immo maqqa gallani irra wamame dha), dhihaan immo Arabian Peninsula fi Afrikaan, bahan immo Malay Peninsula, Sunda Islands fi Australian, kibban immo Southern Oceaniin (kan Antarctica jedhamu) dangeffame argama. World Oceaniin kan walit-qabatte yoo ta’u gallani kuni gallana Atlantic Ocean irra sarara 20° baha Meridian kan Cape Agulhas irra kibba ce’un kan gargari ba’u yoo ta’u Pacific Ocean irra immo sarara 147° baha meridianiin gargara ba’a. Gallani kuni dherinna (dagalle) hanga 10,000 kilometers (6,200 mi) fixxe kibba Afrikaa fi Australian yoo qabattu, Red Sea fi Persian Gulf walitti ida’amuni ballina hanga [1 E+13 m²|73,556,000 square kilometers]] (28,400,000 mi²) ta’e qaba.
“Volumiin” gallana kana 292,131,000 cubic kilometers (70,086,000 mi³) dha. Islandotti diddiqon fixxe gallana kanatti argamu. Biyyotni Island ta’an kan gallana kana kessatti argaman:- Madagascar (kan durri Malagasy Republic jedhamu, kan adunya kessa Island guddinan affuraffa ta’e dha); Comoros; Seychelles; Maldives; Mauritius; fi Sri Lanka dha. Indonesia gallana kana dangesitti. Gallani kuni kara daldalla jiddu Asia fi Afrikaa jiddutti argamtu waan tattef bakka wal-dhabii bayye tatterti. Haa ta’u malee guddina gallana kana irra kan ka’e biyyi tokkollen lafa Island gallana kan kessatti argamu yerro bayyef qabachu hin dandenne ture. Haa ta’u malle jalqaba bara 1800ffatti Britain lafa gallana kana marsu bayye qabachu dandettera. World War II jalqabbe gallani kuni India fi Australian qabame.