Atlantic Ocean
From Wikipedia
Atlantic Ocean adunya kessa gallana guddinan lammafa yoo ta'u, tilmaman tokko shanaffa fulla lafa qabatta. Maqaan isaa kan Greek mythology irra kan dhufee yoo ta'u, kun jechun immo "Sea of Atlas" jechu dha. Maqaan kuni kan durii yeroo duraaf itti fayyadaman yerro seena Herodotus" bara 450 BC (I 202) kessatti.
World Oceaniin kan walitti qabatte demmu yoo ta'u, Atlantic Oceaniin immo kessa tokko. Atlantic Oceaniin gallanoni itti walitti qabates Arctic Ocean, Pacific Ocean ,Indian Ocean, fi Southern Ocean. Kutta lafa fakki S kessatti yoo ta'u Americas, Europe fi Afrikaa jiddu ya'a. Gallani kuni Kabba Atlantic fi Kibaa Atlantic jedhame sarara Equatorial Counter Currentiin tilmaman 8° kabba latitude kan argamun gargari qodama.
Gallani kuni dhihaan biyya "Americas" (USA fi South America)n kan dangeffame yoo ta'u, kabba fi kabba-bahan Arctic Ocean irra biyyotta Canadian Arctic Archipelago, Greenland, Iceland, Svalbard fi Europen gargari baha. Kan Arctic Ocean wajjin walitti qabatu jiddu Denmark Strait, Greenland Sea, Norwegian Sea, fi Barents Sea kessan. Bahan gallani kun Europen, Strait of Gibraltar fi Afrikaan dangeffama. Kibba-bahan Gallani kuni gara Indian Ocean seena, kan gargari warra basus sarara 20° East meridian kan Cape Agulhas irra gara Antarctica kibba ce'un gargara ba'a. Bulchonni tokko tokko akka gallani kuni kibba gara kessa Antarctica akka ce'u godhani agarsisanille, kaneen birra immo akka kibban Southern Oceaniin akka dangefametti agarsisu. Kibba-dhihaan Drake Passagen Pacific Ocean wajjin gallana kana qabsisa. Dandiin (bishaan) kan naman midhafame jiddu Atlantic fi Pacificitt argamu ni jirra, kunis Panama Canal jedhama. Bishaanotti birra dhi'ennan (itti ananii) argaman ni jirru kunnis:- Caribbean Sea, Gulf of Mexico, Hudson Bay , Mediterranean Sea, North Sea fi Baltic Sea jedhaman ni jirru.
Percentii 20% fulla lafa qabachuun, Atlantic Oceaniin ballinan Pacificitt anne lammaffa irratti argama. Gallanotta qarqara isaa jirran wajjin walitti yoo ida'ame, ballina hanga 106,400,000 square kilometers (41,100,000 sq mi) yoo qabattu, isaan malle immo ballina hanga 82,400,000 square kilometers (31,800,000 sq mi) ta'e qaba. "Volumiin" bishan kan gallana kana bishaan qarqara jirran wajjin yoo walitti qabame hanga 354,700,000 cubic kilometers (85,100,000 cu mi) yoo ta'u isaan malle immo 323,600,000 cubic kilometers (77,640,000 cu mi) ta'a.
Dhoqqi (kessa faggeni) gara kessa gallana kana (bishaan qarqarra jirran walitti qabun) "avregiin" isaa 3,338 meters (10,932 ft); yoo ta'u isaan malle immo 3,926 meters (12,881 ft). Dhoqqi yokan kessa faggeni guddan gallana kana 8,605 meters (28,232 ft), yoo ta'u kan itti argamus Puerto Rico Trenchit. Dherini daggale (width) gallana kana jiddu Brazil fi Liberiat argamu 2,848 kilometers (1,770 mi) yoo ta'u jiddu United States fi kabba Afrikaat 4,830 kilometers (3,000 mi) ta'a, bakka hafaanitti immo jiddu lakkofsa kaneenitti argama.