Protein dhigaa
From Wikipedia
Protein dhigaa, kan maqaa birra serum proteins jedhamuun bekkamu kuni protein plasma dhigaa kessatti argamu dha. Proteinotni kuni fayyidaa bayye qabu kan kessa tokko ademsaa molekulotta akka lipid, hormone, vitamin fi sibilaa (metal) nafa kenya kessatti ta'u qarqara. Akkasumas akka enzyme, protease inhibitors fi kininn precursors ta'anii ni fayyadu. Serum proteins kan jedhaman kuni fayyida bayee cell alla ta'e fi immune system kenya kessatti qabu. Proteinotta kana electrophoresisiin gargari basuun bayye barbachisaa dha.
Gossa proteinotta dhigaa:
- Albumin- Normal level 3.5-5.0g/dl
- Globulinss
- Fibrinogens - Normal level 200-450mg/dl
- Regulatory
Proteinotni plasma hunda tirru kessatti hojjatamu, gamma globulinsiin alla. Globulins gossa sadiit jirru- alpha,beta fi gamma.
alpha1-antiproteinase alpha2-macroglobulin
Gossoni birra protein dhigaa:
1) Lipoproteins (chylomicrons, VLDL, LDL, HDL)
2) Transferrin
3) Prothrombin
Persentiin 60% protein plasma kunii protein albumin ofii kessa qabu, kunis dhibaa osmotic plasma kessa, kan ademma lipid fi steroid hormone sababa ta'u kessatti kenitotta tokkoffa dha. Globulins kan jedhaman persentii 35% protein plasma yoo ta'an, kunis ademsaa ion, hormone fi lipid kan immune system qarqaru kessatti tajajillu. Persentiin 4% immoo fibrinogen, kunii immo walitti-qabamu dhigaa coagulation kessatti fayyida kan qabuu yoo ta'u kunii immo gara fibrin kan makamuu hindandenetti jijiramu ni danda'a. Protein ademsistu (regulatory protein) kan jedhaman kan persentii protein dhigaa 1% gadii ta'an kuniin protein akka enzyme, proenzyme fi hormone.