Dhiha Hararghe
From Wikipedia
Hararghe Dhiha (yokan "West Hararge") zoni Oromiya kudhani laman kessa tokko yoo tatu, maqaan kunis maqaa durii anna Hararghe irra dhufe.
Hararghen dhiha kibban Laga Shebelle kan zonii Bale irra garagari basun, kibba-dhihan zonii Arsin, kabba-dhihan Afar Region, kabban Somali Region, bahan zonii Hararghe Bahatiin dangefame argama. Bakki dherina gudda qabu zonii kana Garaa Muletat. Annollen bekkamo zonii kana Ciro, Bedessa, Gelemso fi Mieso dha.
Central Statistical Agency (CSA) akka gabassa "Ethiopian Coffe and Tea authority" irratti hunda'e akka ibsetti toniin buna 8,364.00 ta'u bara dhumaa 1997 E.C. (2005 G.C.) irratti akka Hararghe dhihati biqille ibserra. Kuni immo basii [Oromia]] kessa persentii 7.27% yoo ta'u, bassi biyya (Ethiopia) kessa immo persenti 3.7% ta'a.[1]
[edit] Gabbassa
Gabbasaa Central Statistical Agency irra bara 1997 E.C. (2005 G.C.) akka ibsutti, zoniin kuni tilmamaan bayyina ummatta 1,787,086, yoo qabatu kan kessa 915,138 dhiraa yoo ta'an kan hafan yokan immo 871,948 immo dubraa dha. Bayyina ummatta oliitii ibsame kessa persentiin 9.6% yokan namni 171,598 badiyya alla jirrattu. Ballina lafa tilmamaan 17,552.23 square kilometers ta'u kessatti "density" (walitti-kufami) ummatta Hararghe dhiha tilmamaan 101.82 people per square kilometer ta'a.[2]
Akka World Bank memorandumi bara Ebla 13, 2004 E.C. (Ethiopian Calendar [1]) yokan (May 24, 2004 G.C.) akka ibsutti, Persentiin 9% jirattotta Hararghe dhihaa elektriki ni fayyadatamu, akkasumas "density" kara konkolatta zoni kana 23.6 kilometers per 1000 square kilometers yoo ta'u (kunis yoo kilometer 30 biyya wajjin yoo walitti madalaan) [3], akkasumas avregiin abba mana badiyya tokko hektara lafa 0.5 (kunis hektara lafa biyya 1.01 fi hektara lafa Oromia 1.14 wajjin yoo walitti madalamu[4], akkasumas avregiin abba mana baddiya tokko mataan horii mana hanga 0.6 qaba. Persentiin 16.4% ummatta, namotta qonaa malee jiratan yoo ta'an, kunis yoo kan biyya persenti 25% fi kan Oromia 24% wajjin yoo walitti madallan. Ijolle barachu danda'an kessa persentiin 55% mana barumsa sadarka tokkoffati galma'ani argamu, akkasumas persentiin 8% mana barumsa sadarka lammaffatti galam'ani argamu. Persentiin 92% zonii kana malariaf bana kan jiraan yoo ta'an, tokkoleen Tsetse flyiif bana miti. Memorandamiin zonii kana risqii qillensa gogga (drought) qabachun qabxii 372 kenaf.[5]
Bulchan ummatta Oromiya guyya 14 Ebla 1998 E.C. (25 May 2006 G.C.) akka ifaa godhetti hojji bishaan dhugati ta'u basu 429 ta'u dhumachut akka jiru fi hojji birra geggefamu jirran wajjin yoo walitti qaban, bishaan dhugatti ta'u jirattotta hanga 72,300 ta'anif kan ba'u yoo ta'u, kunis persenti 37% hanga 47%f tajajjila bishani kenna.[6]
[edit] Annolle
- Boke
- Chiro
- Darolebu
- Doba
- Guba Koricha
- Habro
- Kuni
- Mesela
- Mieso
- Tulo
[edit] Notes
- ↑ CSA 2005 National Statistics, Table D.2
- ↑ CSA 2005 National Statistics, Tables B.3 and B.4
- ↑ "Ethiopia - Second Road Sector Development Program Project", p.3 (World Bank Project Appraisal Document, published 19 May 2003)
- ↑ Comparative national and regional figures comes from another World Bank publication, Klaus Deininger et al. "Tenure Security and Land Related Investment", WP-2991 (accessed 23 March 2006).
- ↑ World Bank, Four Ethiopias: A Regional Characterization (accessed 23 March 2006).
- ↑ Close to 430 potable water projects go operational in West Harerghe zone(WIC) (Oromia State Government website, accessed 6 October 2006)